header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Muummichi ministeera Lubnaan Sa’aad Hariirii taayitaa gad lakiise.

Sa’aad Hiriiri ibsa Sa’udii keessatti Televiziyoonii Al-Arabiyaatiin Sabtii har’aa kenneen ,”Tayita kiyya gadi dhiisuu beeksisa” jedhe. Sa’aad Hariiri ibsa isaa kanaan akka jedhetti, Iiraan dhimmaa biyyoota Arabaa keessa seenuun kan jeeqaa jirtu ta’uu ibse. Iiraan Garee Hizballah waliin tahuudhaan Lubnaan gara jeequmsaatti seensisaa akka jirtu hime.

“harki badii iiraan naannicha keessatti dheeressite yeroo gabaabaa keessatti irraa ni cita” jechuun akeekkachiise.

Sa’aad Hariiri akka jedhetti haalli biyyattiin yeroo amma keessa jirtu haala bara 2005 yeroo abbaan isaa Rafiiq Hariir ajjeefameen kan wal fakkaatu tahuu beeksise.

Dhiheenya kana aggaammiin ajjeechaa lubbuu isarratti xiyyeeffate akka ture kan shakku tahu hime.

Sa’aad Hariirii yeroo ammaa Sa’udii keessaatti kan argamu yoo tahu, osoo hin eeggamin taayitaa gad lakkisuun isaa Lubnaan gara rakkoo cimaatti akka hinseensifne sodaan jedhu cimeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button