header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Hogganaan Garee Finciltoota Suudaan Kibbaa Waliigaltee Khartuum mallatteessuu dide

Mootummaa Suudaan kibbaa fi Garee Finciltoota Suudaan kibbaa lola wal irratti geggeessaa jiran dhaabuuf, marii nageenyaa ji’a lamaaf magaalaa guddoo Suudaan Khartuum keessaatti geggessan irratti walii galanii turan.  Haata’u malee walii galtee nageenyaa kana goolabuuf sanadii waliigaltee qophaa’e irratti hogganaan garee Finciltoota Suudaan kibbaa  Reek Machaar fi  qondaaltonni garee mormituu birootis  mallatteessuu kan didan tahuun beekame.

 

Ministeerri Haajaa alaa Suudaan Aldirdir Muhammad Ahmad guyyaa har’aa ibsa miidiyaaleef kenne irratti, hogganaan Garee Finciltoota Suudaan Kibbaa Machaarii  fi Gareen Mormituu biroo Adda Bilisummaa Warraaqsa Ummata Suudaan jedhamu waliigaltee Khartuum kana maallatteessuu didan jedhe.

 

Mr Aldirdir  Waldhabbiin garee Finciltoota Suudaan kibbaa fi mootummaa jidduu jiru, murtiiwwan mootummaa tokko tokko fi dhimma heera biyyaatiin kan walqabatuudha jedhe. Mootummaan Suudaan kibbaa immoo walii galtee kana kan fudhate tahuun beekameera.

 

Waraana Mootummaa Suudaan Kibbaa fi Garee Finciltootaa jiddutti bara 2013 jalqabameen yoo diqqaate lubbuun nama 10,000 ol kan galaafatame yoo tahu, lammiileen miliyoonatti lakkaa’aman immoo qe’ee isaanii irra buqqifamanii jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button