header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waraanni Liyyuu Poolisii Naannoo Somaalee aanaa Mayyuu Mulluqqee keessatti haleellaa raawwate

Waraanni Naannoo Somaalee Isniina Kaleessaa ganama naannawa saa’aa 4:00tti Ulamaa’oota fi dargaggoota aanaa Haramayaa irraa namoota torbee dabre aanaa Mayyuu Mulluqqee araddaa roggee keessaatti haleellaa liyyuu poolisiitiin miidhamaniif deeggarsa geessanii deebi’uuf qophii irra jiran irratti haleellaa kan raawwate tahuun beekameera. Haleellaa guyyaa kaleessaa kanaan nama 5 akka madeessanii fi nama 4 immoo kan fuudhanii deeman tahuu namni bilbilaan dubbisne nuuf hime.

Akka namni kun jedheetti : ” keessumoonni kun magaalaa Haramayaa irraa lammiilee torbee dabre Aanaa Mayyuu Mulluqqeetti liyyuu poolisii naannoo Soomaleetiin midhamaniif deggarsa qabatanii iddoo haleellaan itti raawwatame Araddaa roggee dhaqanii osoo gara aanaa Haramayaa deebi’uuf qophii irra jiran, Konkolaataan isaanii dhoqqeen qabamee osoo baasaa jiran haleellaan kun isaan irratti raawwatame”jechuun nuuf hime.

Haleellaa raawwatame kanaanis namoonni miidhaman 3 keessumoota deeggarsaaf dhufan yoo tahan, namni 1 jiraattoota aanaa Mayyuu Muluqqe kan keessummootaa birmaatuuf achi turan irra akka tahe beekameera. Namoonni liyyuu poolisiin ukkaamfamanii fudhamanis jiraattoota aanichaa iddoo san turan tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.
Namoonni madaa’an gara hospitaala magaalaa Haraaritti dabarfamanii yaalama jiraatuus odeeyfannoon argame ni ibsa. Namoonni madaa’anii wal’aanamaa jiran Ramadaan Juneeydi, Jaafar Muhammad, Abdallaah Sabur, Nabiil Abdii fi Sheikh Ibraahim namoota jedhaman tahuus maddeen nuf himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button