header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa gara Chaayinaa Imale

Dr Abiy Ahmad har’a Beejing kan seene yoo tahu, Foramii Afrikaa-Chaayinaa 7ffaa iratti hirmaachuuf garasitti kan imale tahuun beekameera. Dubbi himaan waajjira  Mummicha ministeeraa akka ibsetti, walgahii Foramii kanaatiin cinatti Dr Abiy Prezdaantii Chaayinaa Zii Jinping waliin ni mari’ata.

Yaa’ii sadarkaa hoggansaatti  taa’amu kan Foramii Afrikaa-Chaayinaa jedhamu kun, waggaa saditti al tokko kan geggeefamu yoo tahu, biyyoonni Afrikaa Chaayinaa waliin dhimmoota diinagdee, bu’uraalee misoomaa fi dameewwan hawaasummaa irratti mari’atu. Foramii Wixata dhufu irraa jalqabee guyyoota 3f geggefamu kana irratti hirmaachuuf hoggantoonni biyyoota Afrikaa heddu Chaayinaa seenaniiru.

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button