header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti namoonni 10 boombiin ajjeefaman.

Moqaadishoo keessatti eegaa haleellaan lubbuu namoota hedduu galaafatee asitti ammas torbee lama booda guyyaa hardhaatis, boombii Konkolaataa lama irra kaahameen lubbuun namoota 10 darbuu fi namoonni 8 ol midhamuu Odeeffannoo ni addeessa.
Namoota haleellaa kanaan ajjeefaman jiduu miseensi Parlaamaa Somaaliyaa duraanii tokkoo fi hogganaan poolisaa tokko kan argaman tahuun beekameera.
Hogganaan Poolisii Alii Muhammad , Haleellaan kun Hoteela Nasaa Habluud jedhamu kan naannawa masaraa mootummaa Somaaliyaatti dhihaatu irratti kan xiyyeefate tahuu fi naannuma sanitti Haleellaa boombii Konkolaataa irratti hidhame kan birootis kan raawwatame tahuu Anaadooluu Niiwusiitti hime.
Haleellaa jalqabaatiin lubbuun namoota 10 darbuu fi namoonni hanga 8 midhamuu gabaasni dhaabbata odeeyfannoo Somaaliyaa irraa bahe ni mul’isa.
Haleellaa torbe lama dura raawwatameen lubbuun namoota 358 oli darbuun ni yaadatama. Haleellaa sun kan Seenaa Somaaliyaa keessatti yeroo jalqabaatiif lakkoofsi namoota hedduu itti ajjeeffame jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button