header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ustaaz Muhammad Yaasiin hidhaa irra lakkifame

Ustaaz Muhammad Yaasiin namoota sababa gaaffii mirga amantaa hawaasni muslimaa kaasen, mootummaan dhiibamanii biyya irra baqatuun biyya Ormaa turan jidduu tokko yoo tahu, yeroo hawaasni muslimaa gaafii mirgaa kaasaa turetti naannoo Amaaraa godina Walloo irraa yakka dharaa Shororkeessummaan himatamee bakka inni hin jirretti itti murteefamee ture.

Ustaaz Muhammad Jijjiirama biyyatti keessaatti muldhataa jiru hordofuun gara biyyaatti deebi’e. Haa ta’u malee himannaan irratti dhiyaate irraa hin kaafamne jechuun akkuma inni gara biyyaatti deebi’een qabamee hidhmee.  Ustaaz Muhammad dabalatee namoonni biroo kanneen galmee himnnaa isaa jalatti himatamanii mana hidhaa magaalaa Dasee turan, guyyaa har’aa kan lakkifaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button