AfrikaaOdeeyfannoo
Balaa Xayyaaraa Suudaan Kibbaa keessatti muudateen lubbuun nama 19 dabre

Xiyyaarri imaltoota 22 fe’atee magaalaa guddoo biyyattii Jubaa irraa gara Yirol imalaa ture qubachuuf yeroo yaalutti laga keessatti kufe. Ministeerri odeeyfannoo Suudaan Kibbaa Mr Taban Abel Aguek Anadooluuf akka himetti, balaa Alhada har’aa uumame kana irraa daa’ima tokkoo fi gargaaraa Paayileetii dabalatee namni 3 qofa kan lubbuun hafan tahuu ibse.
Reeffii namoota du’anii laga keessaa kan baafamaa jiru tahuu odeeyfannoon kun ni mul’isa.