OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Haleellaa waraanni Liyyuu Poolisii Aanaa Mayyuu Mulluqqee keessatti raawwateen lubbuun namaa darbe
Alhada har’aa waraanni liyyuu poolisii Godina Harargee Bahaa aanaa Mayyuu Mulluqqee keessatti dhalataa Oromoo tokko ajjeessuun kan biraa immoo madeessuu odeeyfannoon ni addeessa.
Namni ajjeefame maqaan isaa Yoonaas Nugusee kan jedhamu yoo tahu, Konkolaachisaa makiinaa boottee bishaan fe’atee araddoota adda addaatti geessaa ture akka tahee fi namni madaa’e immoo dargaggoo Walii Sheekaa jedhamu tahuu maddeen gabaasan.