header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Paarlaamaan Kaatalaan Ispeen irraa Walaba bayuu labse

Miseensota Parlaamaa 135 keessaa isaan 70 tahan Kaataloon Ispeen irraa akka walaba baatu sagalee isaanii kennan, miseensonni 10 immoo kan hin deeggare tahuu ibsan Murteen sagalee kennuu kun magaalaa Baarseloonaatti guyyaa hardhaa waaree booda iccitiidhaan kan geggeeffame yoo tahu, Abbaan alangaa Ispeen miseensota paarlaamaa dhoksaan sagalee kennan kana irratti himannaa kan banu tahuu beeksise. Mummichi ministeera Ispeen Mariyaanoo Raahoy gama isaatiin, murtii Parlaamaa kanaatiin ummanni Ispeen rifatuu akka hin qabnee fi akka tasgabbaa’uu qabu, akkasumas miseensota Seeneetii Ispeeniif Kaatalaan kalattiin akka Maadriid jalatti bultuuf gaafate. Prezdaantiin Kaatalaanii fi itti aanaan isaatis aangoo irraa akka ari’aman ibse. Haasawa muummicha ministeera kana miseensonni seeneetii Ispeen kan deggaran tahuu ibsaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button