header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ilmi Malik Salmaan, Sa’uudii gara ‘Moderate Muslim’ ni deebisna jedhe.

Ilmi Malik Salmaan, Sa’uudii gara ‘Moderate Muslim’ ni deebisna jedhe. 
Mahammad Bin Salmaan kora walgahii investimantii magaalaa Riyaad keessatti qophaaye irratti akka jedhetti, “Sa’uudii gara biyyaa Islaamummaa jiddu galeessaa fi biyya amantaa hundaaf banaa taatetti ni jijjiirra”jedhe. Itti dabaluudhaanis “biyyi teenya waggoota soddoma dura akkana hin turre, waggoota soddoma biraa Aqiidaa jajjabaa  dhiibaa yeroo keenya gubuu hinfeenu, kanaafuu Aqiidaa jajjabaa ta’e biyya keenya keessaa ni buqqifna. Biyya teenya hammayyoomsuudhaaf tarkaanfii barbaachisaa tahe hunda ni fudhanna”jechuun dubbate.

Haaluma kanaan Sa’uudiin ji’a dabre keessa dubartiin konkolaataa akka ooftu kan hayyamte yoo tahu, Iddoo bashannanaa  dhiiraafi dubartiin wal keessa makamuun  itti bashannanan ijaaruuf qophaayaa kan jirtu tahuu, Gabaasni Al Jaziiraa fii BBC irraa arganne kun ni ibsa.

amma dura Prezdantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan, “Wanti Moderate Muslim jedhamu hin jiru, Islaamummaan takka qofa”jechuun isaatis ni yaadatama. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button