AfrikaaOdeeyfannoo

Gamtaan Daldalaa fi Nageenya Biyyoota Afrikaa Bahaa Walgahii idilee Finfinnee Keessatti jalqabe

Gamtaan Daldalaa Biyyoota Afrikaa Bahaa-IGAD hardha walgahii idilee isaa 33ffaa Finfinnee keessatti kan jalqabe yoo tahu, dhimmoota naannichaa gurguddoo irratti marii geggeessaa jira. Dura taa’aan Gamtichaa muummichi ministeera Ityoophiyaa Dr Abiy Ahmad akka jedhetti, dhimmoota guyyaa hardhaa milkiin xumuraman jidduu tokko, waldhabdeen hoggantoota Siyaasaa Suudaan Kibbaa jidduu ture yoo tahu, dhimmichi waliigalteedhaan kan xumurame tahuu ibse.

 

Dr Abiy hirmaattota Kora kanaatiif dhaamsa dabarseen, Afrikaa keessatti nageenyi ariitiin babal’ataa akka jiru ibsuun, “Suudaan Kibbaa tokkummaa fi nageenyi isii amansiisaa akka tahuuf hundi keenya amanamummaan deeggaruu qabnas”jedhe.

 

Odeeyfannoo walqabateen, IGAD Eertiraa gara miseensummaa gamtichaatti deebisee jira. Eertiraan biyyoota miseensa gamtichaa tahan Jibuutii fi Ityoophiyaa waliin waldhabdee kessaa galuu isii hordofuun, gamtichi biyyattii bara 2007 miseensummaa irraa ugguree ture.

Gamtaan Daldalaa Biyyoota Afrikaa Bahaa-IGAD tumsa daldalaa fi nageenya biyyoota naannichaa irratti hundaayuun waajjira isaa Jibuutii godhatee bara 1996 hundeeffame. Yeroo ammaa biyyoonni saddeettan miseensa gamtichaa Ugaandaa, Keniyaa, Ithiopia, Eeritrea, jibuuti, Suudaan, Suudaan Kibbaa fi Somaaliya.

 

 

 

 

 

 

Comment

Related Articles

Back to top button