EeshiyaaOdeeyfannoo

Hobonboleettiin Rooba cimaa makate Filippiin keessatti lubbuu nama 28 ol galaafate

Hobonboleettiin Typhoon Mangkhut jedhamee moggaafame kun sabtii kaleessaa kaaba Filippiin eega rukuteen booda, lolaa fi balaa sigiga lafaa uumameen yoo xiqqaate namoonni 28 kan du’an tahuu Aljaziiraan gabaase. Magaalota bubbee kanaan rukutaman keessatti humni elektirikaa fi sararri bilbilaa akka cittee fi naannolee baadiyyatti ammoo manneenii fi lafti qonnaa kan barbadaaye tahuun beekameera.

 

Qondaaltonni Filippiin Associated Press’f akka himanitti, sigiga lafaa fi lolaa guddaa naannichatti uumame jalaa baqachuun, ummanni 87,000 ol tahan qe’ee isaanii irraa baqachuun naannoolee gaaraa irra kan qubatan tahuu ibsan.

 

Hobonboleettiin kun gara Hong Kong fi Kibba Chaayinaatti kan dhihaate yoo tahu, Alhada har’aa magaalotni qarqara galaanaa jiran rooba guddaa fi buubbee cimaan rukutamaniiru. Dhaabbanni meetroolojii Kibba Chaayinaa, qondaaltonni ittisa balaa biyyatti ummata baraaruuf, qophii cimaa akka godhan akeekkachiise. Hanga ammaatti ummanni 500,000 ol tahu mgaalota Chaayinaa qarqara galaanaatti argaman torbaa   fi Hong Kong keessaa kan baqate tahuu odeeyfannoon argame ni mul’isa. Magaalota kanneen keessatti imalli Xiyyaaraa fi Baabura siffisaa addaan citee jira.

 

Comment

Related Articles

Back to top button