header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el haleellaa Gaazaa keessatti raawwatteen Falasxiinota lama ajjeeste

Ministeerri Fayyaa Falasxiin akka jedhetti, reeffi dargaggoota lamaanii  Kibba Gaazaa daangaa Israa’el irratti halkan edaa argame. Waraanni Israa’el ibsa baaseen, halkan edaa Xiyyaaronni waraanaa namoota gara daangaa Israa’elitti dhihaachuun sochii shakkisiisaa raawwataa turan irratti tarkaanfii fudhatanii jiru jedhe.

 

Isniinaa kaleessaa lammiileen Falasxiin daangaa Israa’el irratti mormii kan geggeessan  yoo tahu, loltoonni Israa’eel ummata karaa nagaayaatiin mormii geggeessaa ture irrratti dhukaasuun, yoo xiqqaate namoonni 26 kan madaayan tahuun beekamee jira.

 

Jiraattonni Gaazaa, dachii Israa’el humnaan irraa isaan buqqiftetti mirga deebi’uu gaafachuu fi Israa’el uggura waggaa 11 guutuu Gaazaa irra keesse akka kaastuuf,  March dabre irraa hanga har’aatti torbaan torbaaniin mormii geggeessaa jiru. Ministeerri Fayyaa Falasxiin akka jedhutti, Mormii kanaan wal qabatee ji’oota shanan dabran keessa, loltoonni Israa’el Falsxiinota 175 ol ajjeessuun,  nama 18,000 ammoo madeessaniiru.

 

Odeeyfannoo biraatiin ammoo, West Bank keessatti  loltoonni Israa’el ganama har’aa ganda Falasxiinotaa weeraruun namoota heddu irratti reebicha raawwataniin, dargaggoo umriin isaa 24 Muhammad al-Rimawi jedhamu kan ajjeessan tahuu AFP’n gabaase.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button