header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Magaala Alqudsi keessatti Waraanni Isra’eel lammiilee Falisxiin 50 ol hidhe.


Lammiileen Falisxiin kunniin kan hidhaman iddoo Issawiyaa jedhamu kan baha magaalaa Alqudsiitti argamtu irraa yoo tahu, yakka loltoota Isra’eel irratti boombii darbu jedhuun himatamaniiru.
Waraanni Isra’eel yeroo adda addaatti lammiilee Falisxiin iddoo Issawiyaa jedhamu kana jiraatan, halkan itti dhaquun kan dararan tahuus gabaasni kun ni mul’isa.
Gareen mirga hidhamtoota Falisxiiniif falmu hidhamtoonni siyaasaa Falisxiin 6000 ol tahan, manneen hidhaa Isra’eel keessatti kan dararaan irratti raawwatamaa jiru fi hidhamtoota kana jidduu immoo kanneen 300 tahan Ijoollee tahuu ibsan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button