header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ispeen Gamtaan Awurooppaa Falasxiiniif beekamtii guutuu akka kennu gaafatte

Mootummaan Ispeen dhimmi beekamtii Falasxiin Gamtaa Awurooppaa keessatti hattatamaan murtii akka argatuuf ciminaan kan hojjatu tahuu hime. Ministeerri haajaa alaa Ispeen akka jedhetti, Falasxiin beekamtii guutuu akka argattuuf murtii wal fakkaataa irra gayuudhaaf, ministeerota haajaa alaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa hunda waliin marii jalqabuuf kan qophaaye tahuu beeksise.

 

Konfiransii Gamtaa Awurooppaa Austria keessatti geeggefamaa jiru irratti,  Ministeerri haajaa alaa Ispeen Joseph Borrell, “Gamtaan Awurooppaa Falasxiin biyya of dandeette tahuu isii hatattamaan beekamtii yoo kan hin kennine tahe, Ispeen kophaa isii Falasxiiniif beekamtii guutuu ni kenniti”jechuun hoggantoota gamtichaatiif hime.

 

Bulchiinsi Falasxiin akka jedhutti, biyyoonni Falasxiin biyya of dandeette tahuu beekamtii kennaaniif 139 gahanii jiru. Gamtaan Awurooppaa Falasxiin fi Israa’el biyyoota lama of danda’an tahanii akka araaraman yaada jedhu kan deeggaru tahus, hanga ammaa garuu Falasxiiniif beekamtii guutuu hin kennine. January dabre Prezdantiin Bulchiinsa Falasxiin Mahmuud Abbaas Gamtaan Awurooppaa daangaa bara 1967 irratti hundaayuudhaan Falasxiin biyya of dandeette tahuu beekamtii akka kennuuf gaafachuun isaa ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button