Odeeyfannoo
Bulchiinsi Katalooniyaa Wixinee Mootummaa Ispeen kan hin fudhanne tahuu ibse.
Hoogganaan Bulchiinsa Kataloon Karloos Piyugmoont, wixineen Mootummaan Ispeen kutaa Kataloon kallattiin mootummaa jiddu galeessaa jalatti bulchuuf dhiheesse, kan fudhatama hin qabne tahuu ibse.
Piyugmoont ibsa kenneen; “Wixineen Maadriid aangoo hoggantoota kutaa Katalooniyaa irraa fudhuun, Mootummaa jidduu galeessaa jalattitti bulchuuf dhiheessite fudhatama hin qabu; akkasumas Murtiin kun murtii jalqabaa kan mootummaan Abbaa irree Jeneraal Firankoon bara 1939-1975 birmadummaa Kataloon sarbuun Ispeen jalatti bulchaa ture caala hamaadha” jedhe.
Karoorri Muummichi ministeera Ispeen Mariyaanoo Rahooy guyyaa kaleessaa dhiheesse, Qondaaltota Katalooniyaa aangoo irra jiran mara aangoo isaanii irraa kaasuu fi Paarlaamaa kutaa Kataloon gutumaan guututti jigsuun, filannoon haarawni akka geggeeffamu kan jedhu ture.

Torbee sadi dura Rifarandamii Bulchiinsi Kaataloon geggeessen, ummatni Kataloon harki caalaan Ispeen irraa fottoquun mootummaa ofii hundeessuu filate. Haata’uu malee mootummaan Ispeen sagalee ummataa kuffisuun, bu’aa sagalee ummataa irratti hundaayuun wixinee Bilisummaa Bulchiinsi kataloon qopheesse akka kuffisu yeroo kennee ture. Yeroon keenname guyyaa 3 dura kan dhume yoo tahu, haaluma kanaan mootummaan Ispeen kallattiidhaan gaaffii walabummaa Kataloon kan kuffisu tahuu ibse.