header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KaanaadaaOdeeyfannoo

Kaanaadaan ajjeechaa fi dararaan Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame duguuggaa sanyii tahuu labsite

UN garee ogeeyyotaa hundeessuun ajjechaa fi dararaa Miyanmaar keessatti Muslimoota Rohingiyaa iratti raawwatame ilaalchisee , qorannoo geggeessaa ture ji’a dabre keessa ifa godhuun isaa ni yaadatama.  UN gabaasa qorannoo kanaan, Miyanmaar keessatti Muslimoota Rohingiyaa irratti Yakki duguuggaa sanyii kan raawwatame tahuu ibse. Paarlaamaan Kaanaadaa Khamiisa kaleessaa bu’aa qorannoo UN kana sagalee guutuun raggaasise.

 

Wixineen seeraa paarlaamaan Kaanaadaa raggaasise kun, ajjeechaa fi dararaa Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame bal’inaan kan ibsu yoo tahu, waraanni mootummaa Miyanmaarii fi hordoftoonni amantaa Bud’haa, Muslimoota Rohingiyaa irratti ajjeechaa jumlaa, gudeeddaa, ganda guutuu ibiddaan gubuu dabalatee Yakka dhala namaa hunda kan raawwatan tahuu ibsa.

 

Gareewwan mirga namoomaatiif falman, labsii Kaanaadaa kana mootummaa Miyanmaar fi gareewwan duguuggaa sanyii kana keessaa harka qaban hunda, mana murtii addunyaatti dhiheessuudhaaf tarkaanfii murteessaa tahe jechuun jajan. Dabalataanis dhaabbanni mootummoota gamtoomanii qorannoo isaa kana mana murtii addunyaa (ICC)tti akka ergu gaafatanii jiru.

 

Muslimmoonni Rohingiyaa 700,000 ol tahan ajjeechaa fi dararaa August/2017 Myanmaar kutaa Rakhaayin keessatti raawwatame jalaa baqachuudhaan,  Bangilaadish  keessa kan qubatan tahuun ni beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button