OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Magaalaa Baalee Roobee keessatti namoonni hidhatanii Jeequmsa kaasan qabaman
Guyyaa har’aa hidhattoonni eenyummaan Isaanii hin beekamne, magaalaa Roobee naannawa Giriin jedhamutti dukkaanotaa fi dhaabbiilee dhuunfaa caccabsanii seenuun, namoota reebaa kan turan tahuu odeeyfannoon naannawa irraa nu gahe ni addeessa. Hidhattoota kanneen keessaa heddu poolisii Oromiyaatiin kan qabaman tahuun beekameera.
Eenyummaan hidhattoota kanaa fi sababaan jeequmsa kaasuuf yaalaniif hin beekamne.Application NuuralHudaa download godhuuf