header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee walii galteen lafa Liizii kaaree meetra 4,100,000 akka haqamu murteesse

Itti aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa akka jedhetti, magaalattii keessatti iddoowwan 154 walii galatti lafa kaaree 4,100,000 ol tahu kan Abbootii qabeenyaa fi Mootummaa Federaalaatiin qabamee ture, walii galteen Liizii isaanii kan haqame tahuu ibse.

Lafa akka mootummaaf deebi’u murtaa’e kana jidduu 95 Abbootii qabeenyaatiin, 19 waajiraalee mootummaaf, 11 hoteela Sharaatan fi Midrook babal’isuuf, 18 dhaabbiilee diplomaasiitiin, 11 dhaabbiilee Federaala kanneen akka Telekominikeeshiintiin kan qabamanii turan tahuu odeeffannoon ni addeessa.

Lafti kun bara 1997 hanga 2004 yeroo jiru keessatti kan kenname tahus hanga ammaatti misoomni tokkollee kan irratti hin geggeeffamin tahuun beekameera. Lafti amma mootummaaf deebi’e kun tajaajila ummataatiif akka oolu kan murteefame tahuus gabaafameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button