header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jeequmsa torbee darbe magaalaa Finfinnee keessatti muudateen namoonni 28 ajjeefamuu ibsame

Hogganaan Komishiinii poolisii magaalaa Finfinnee meejar jeneraal Deggifee Badii ibsa miidiyaaleef kenneen, walitti bu’iinsa namoota magaalaa keessatti alaabaa fannisaa turanii fi kanneen dhoorkan akka sumas yakkoota gara garaa magaalattii keessatti raawwatameen walqabatee namoonni heddu kan ajjefaman tahuu ibse.

Komishiinarichi akka jedhetti, namoota alaabaa fannisaa fi halluu dibaa turan dhoorkuu fi hayyamuu hujii poolisii tahee osoo jiru, namoonni iddoo adda addaa irraa dhufan wal gurmeessuun jeequmsa kaasaniin namoonni kun ajjeefaman jedhe. Haaluma kanaan naannawa Kolfee keessatti namni 14, naannawa Addis katamaa keessatti namni 5, naannawa Araadaa keessatti namni 1, naannawa Nifaas Silkitti namni 3, Qirqoos keessatti namni 5 walumaa galatti namni 28 ajjeefamuu odeeyfannoon ni addeessa.

Namoonni kunniin hedduun reebicha isaan irratti raawwatameen rukutamanii yookaan ammoo waraanamanii kan ajjeefaman yoo tahu, namni 7 immoo qaamota nageenyaatiin ajjeefaman. Namoota poolisootaan ajjeefaman jidduu 1 dogoggoraan tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa isaa kanaan, namoonni 1204 kutaa magaalattii adda addaa irraa akkasumas naannolee fi magaalotaa biroo irraa dhufuun jeequmsa kana irratti osoo hirmaatan to’annaa jala kan oolan akka taheefi, kanneen keessaa namoota 107 ragaan irratti qindaayee mana murtiitti himatamanii jiru jedhe. Kanneen hafan ammoo yeroo ammaa Kaampii Xoollaayi geeffamanii leenjiin haaromsaa kan kennamaafii jiru tahuun ibsamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button