header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paartiileen Siyaasaa Oromoo shan haala yeroo irratti ibsa baasan

Paartiileen siyaasaa Oromoo shanan ibsa waliin baasan kana irratti, walitti bu’iinsa magaalaa Finfinnee fi Buraayyutti muudatee ture kan balaaleffatan yoo tahu, Gareen Oromoo balleessuuf gurmaa’ee socho’u akka jiru ibsan. “qaamoota gocha gara jabeenyaa kana raawwatan hunda ummata keenya waliin dura dhaabattuuf murteefanne jirra, mootummaanis qaamota badii kana seeraaf akka dhiheessu ni gaafanna”jedhan.

Paartiileen shanan ibsa isaanii irratti magaalaan Finfinnee tan Oromoo akka taatee fi sabaa fi sablamoonni magaalattii keessa jiraatan mirga dhuunfaatis tahee kan garee hunda akka qaban ni amanna jedhan.

Miidiyaalee Ummataa fi Ummata walitti buusuuf socho’aa jiran kan balaaleffatan yoo tahu, keessumattuu “ESAT olola maqa balleessii qeerroo fi ummata Oromoo irratti bane jira”jedhan.

Paartileen Ibsa kana baasan
1. Adda Bilisummaa Oromoo
2.Kongirasii Federaalawa Oromoo
3.Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoomee
4. Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa fi
5 Adda Dimokraatawaa Oromoo tahuun beekameera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button