AfrikaaOdeeyfannoo
Dhoohinsa Boombii Somaaliyaa keessatti mudateen baay’inni namoota du’anii 358 gahe
Haleellaa Boombii torban dabre keessa Somaaliyaa Magaalaa Maqdishootti raawwatameen, baay’inni namoota du’anii 358 gahee jira. namoonni heddus madaawanii hospitaalatti wal’aanamaa jiru. Lammiileen Somaaliyaa kan keeniyaa Naayiroobii keessa qubatan, obboleewwan isaanii balaa kanaan miidhamaniif dhiiga gumaachuu eegalaniiru.