header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Korri Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niiwuyoorkitti jalqabame

Kora Waligalaa 73ffaa UN kana irratti hoggantoonni addunyaa hirmaataa jiru. Kora har’a jalqabame kana irratti Prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp fi Prezdaantii Turkiyaa Rajab Erdogaan dabalatee hoggantoonni heddu haasaya godhaniiru.

Donaald Traamp haasaya isaa keessatti, Iiraan baha jiddu gala keessatti jeequmsaa fi badii babal’isaa waan jirtuuf mootummaa Iiraan biyyoonni addunyaa hundi balaalefatuu qaban jedha. Chaayinaan ammoo seera daldalaa dabsuudhaan Ameerikaa kisaaraa keessa galchuuf yaalaa jirti jechuun yakke.

Prezdaant Erdogaan gama isaatiin, Suuriyaa keessatti nageenyi akka bu’uuf gareewwan hundi gama marii akka deebi’an waamicha godhe. Erdogaan haasaya isaa keessatti dhimma Falasxiinii fi Muslimoota Rohingiyaa kan kaase yoo tahu, UNitti manni maree nageenyaa abbootii irreetiif dawoo tahee jira jecchuun qeeqe. “Biyyoonni dararaa Falasxiinotaa osoo argitan caldhisuu filattan, abbootii irreetiif tumsuu keessan beekuu qabdan, Turkiyaan kophaa isii osoo kan haftu ta’eellee Flasxiinota cinaa ni dhaabbatti”jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button