header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Baddalleetti Hiriirri Deeggarsaa geggeeffame

Guyyaa har’aa godina Bunoo Baddallee Magaalaa Baddalleetti jiraattonni godinichaa iddoo gara garaa irraa walitti dhufan, murtiiwwan PDO(DH.D.U.O) kora sagalaffaa magaalaa Jimmaatti torbee darbe keessa geggeesse irratti dabarse kan deeggaran tahuu hiriira bahuun ibsatan.
Akka Jiraataan magaalaa Baddallee irraa bilbilaan dubbisne nuuf himetti:
Hiriirri deeggarsaa kun dargaggoota Godinichaan kan waamame tahuu fi kaayyoon immoo murtee DH.D.U.O(PDO) korra 9ffaa irratti dabarse deeggaruuf geggeefame jedhe.

Hiriirra kana irratti hoggantoonni Amantaa, Abbootiin Gadaa fi hoggantoonni mootummaa kan hirmaatan tahuu fi ummanni fedhiin kan bahe tahuus jiraataan kun nuuf hime.

Paartiin naannoo Oromiyaa bulchaa jiru, Paartiin Dimookrataawa Oromoo PDO’n torbee darbe kora 9ffaa geggeessee irratti, jijjiirama maqaa , Asxaa fi geggeessitootaa kan godhe tahuu ibsuun isaa ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button