header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Paartiin Mormituu Briteen filannoo itti aanu yoo injifate Falasxiiniif beekamtii kan kennu tahuu ibse

Paartiin mormituu Briteen Labour Party jedhamu, guyyaa kaleessaa magaalaa Liver Pool keessatti kora walii galaa kan taa’e yoo tahu, ajandaawwan paartichaa ilaalchisee marii bal’aa geggeessee jira. Paartichi filannoo biyyattii itti aanu yoo kan injifatu tahe, ajandaan guddaan dhimma alaa Falasxiiniif beekamtii kennuu akka tahe beeksise.

 

Hogganaan paartichaa Jeremy Corbyn karoora paartii isaa yemmu ibsu, “Israa’el weerara fi dachii Falasxiin saamuu, Falasxiinota buqqisuun manneen Yahuudotaa ijaaruu hammesitee itti fuftee jirti. Ijoollee Falasxiinotaa hidhatti guuruun isii ammoo wanta nama dallansiisu jechuun”dubbate. Mr Corby karoora paartii Labour bal’inaan kan ibse yoo tahu, “Falasxiinonni hammeenya fi dararaa Israa’el jalaa bilisa bahuu kan danda’an biyya walabaa yoo qabaatan qofa waan taheef, paartiin keenna  filannoo itti aanu yoo kan injifatu tahe, ganama san Falasxiiniif beekamtii guutuu kennina”jedhe.

 

Paartichi gocha gara jabbeennaa mootummaan Israa’el Gaazaa keessatti Falasxiinota irratti raawwatu balaaleffatuun ibsa ejjannoo cimaa tahe kan baase yoo tahu, Mootummaan UK Israa’eliif  meeshaa waraanaa akka hin gurgurre gaafatee jira. Dabalataanis mootummaan UK gargaarsa baqattoota Falasxiiniif gara UN’tiin kennu akka dabalu gaafate.

Hogganaan paartii Labour Jeremy Corbyn, nama yeroo dheeraaf mirga Falasxiinotaatiif falmuun beekkamu yoo tahu, qondaaltonni Israa’el ammoo nama jibbiinsa Yahuudotaa qabu jechuun yakku. Partiin Labour Yakka Corbyn jibbiinsa Yahuudotaa qabu jedhu, soba jechuun haale. Kora paartichaa dhimmii falasxiin dubbii ijoo tahe kana irratti, deeggartoonni fi miseensonni paartii Labour alaabaa Falsxiiniin galma walgahichaa guutanii akka turan gabaasni arganne ni addeessa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button