header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Namoota Addabaabaayii Masqalaatti haleellaa Boombii raawwachuun shakkaman irratti himannaan Shororkeessummaa baname

Haleellaa hiriira deeggarsaa muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad ibsatuuf, Waxabajjii 16/2010 magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti geggeeffame irratti raawwatameen, namni lama ajjeeffamee namni 150 madaawuun ni yaadatama. Namoota yakka kana raawwachuun Shakkaman 5 irratti, Abbaan Alangaa Federaalaa himannaa Shororkeessummaa kan bane tahuun beekame.

Abbaan Alangaa himannaa isaa kana irratti haleellaan kun muummicha ministeeraa ajjeessuuf kan karoorfamee jedhe. Namoonni yakka Shororkeessummaatiin himataman, Obbo Geetu Girmaa, Obbo Birhaanuu Jaafar, Obbo Xilahuun Getaachoo, Obbo Bahruu Tolosaa fi Obbo Bahruu Tesfaayee tahuun beekameera.

Abbaan Alangaa himannaa mana murtiitiif dhiheesse irratti, Shakkamtoonni “Bulchiinsi Abiy biyyattii bulchuu hin qabu, biyyattiin Adda Bilisummaa Oromootiin hogganamuu qabdi”kaayyoo jedhu kan qaban tahuu ibse.

Himannaa kana irratti,yaaliin ajjeechaa kun dubartii Aadde Gannat Taamiruu (Tolashee Taamiruu) jedhamtu tan Keeniyaa magaalaa Naayroobii keessa jiraattuun kan qindeeffame tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button