OdeeyfannooSaayinsiif TeknoolojiiUSA
Feesbuukiin nama miiliyoona 50 butamee akka ture beekame

Dhaabbanni Feesbuuk akka jedhetti akkaawontiin fayyadamtoota isaa miiliyoona 50 tahan qaamota hin beekamneen butamuu, Kiibxata dabre kan hubate tahuu ibse. Kanuma hordofuun Jum’aa hardhaa Feesbuuk fayyadamtoonni miiliyoona 90 tahan password isaanii akka jijjiiran kan godhe tahuu beeksise.
Hogganaan sakiyuuritii dhaabbatichaa Guy Rosen, Feesbuuk poolisii waliin qorannoo bal’aa kan jalqabe tahuu ibsuun, ammatti daataan hatame hammam akka tahee fi maal irra akka oolfame kan hin beekamin tahuu hime. Dhaabbanni Feesbuuk balaa isa muudate kanaaf dhiifama gaafatee jira.
anaayuu na jalaa cufamee rakkoo maaliitiin na jalaa cufame
masha allah.
Jabaadhaa Rabbiin isin irraa haa jaalatu
jabaadhaa!
ajibaa dhugaa