header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Prezdaant Erdogaan Jarman magaalaa Kolonyi keessatti Masjiida haaraya eebbisiise

Prezdaant Erdogaan daaw’annaa hujii Jarman  keesatti guyyaa sadihiif geggeessaa ture raawwachuun dura, Sabtii kaleessaa gara Lixa Jarman imaluun magaalaa Kolonyi keessatti Masjiida haaraya eebbisiise. Masjiidni walakkaa magaalaa Kolonyitti ijaarame kun guutuu Awurooppaa keessatti guddinaan tokkoffaa yoo tahu, gargaarsa mootummaa Turkiyaatiin kan ijaarame tahuun beekameera.

 

Muslimoota Jarman miiliyoona shan tahan keessaa miiliyoonni sadi lammiilee biyyattii hidda dhaloota Turkiyaa qaban tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

Prezdaant Erdogaan daaw’annaa hujii Jarman keessatti geggeessaa ture kanaan, magaalaa Barliin keessatti hoggantuu biyyattii Chancellor Angela Markel waliin bal’inaan kan mariate tahuu DW’n gabaase. Mariin hoggantoota lamaanii hariiroo diinagdee fi daldalaa cimsuu irratti kan xiyyeefate akka tahee fi waldhabbii dippilomaasii jidduu isaanii tures mariidhaan furuuf kallattii kan kaayatan tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

 

 

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button