OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Sagantaan Da’awaa guddaan Magaalaa Kofaleetti geggeeffame
Sagantaan Da’awaa guddaan Jum’aa har’aa magaalaa Kofaleetti kan geggeeffame yoo tahu, hawaasni magaalaa kofalee lakkoofsaan heddu tahe sagantaa kana irratti argamee jira. Sagantaa Da’awaa kana irratti Ustaazonni heddu dhaamsa kan dabarsan tahuunis beekameera.
Ustaazota sagantaa kana irratti argaman jidduu; Ustaaz Xaalibuu Ridallaah, Ustaaz Abdallah Idiriis fi Ustaaz Xaahir Galatoo keessatti argamu. Jilli Ustaazotaa kun sagantaa Da’awaatiif gara Godina Booranaatti Imaluuf kan qophaayaa jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.