header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Chaayinaan Hogganaa Dhaabbata Poolisii Addunyaa kan hiite tahuu beeksifte

Hogganaan Interpol Meng Hongwei dhuma ji’a dabree Faransaay irraa gara Chaayinaa eega imalee booda kan dhabame yoo tahu, qondaaltonni Faransaay Jum’aa dheengaddaa Mr Meng Hongwei’n maal akka isa muudate qorannoo jalqabuu beeksisanii turan.

 

Haati warraa Mr Meng Alhada hardhaa ibsa kenniteen, abbaan warraa isii Chaayinaa eega seeneen booda jalqaba dhaamsa barreefamaatiin “siif bilbilaa na eegi”kan jedheen tahuu himte. Daqiiqaa muraasa booda ammoo rakkoo cimaa keessa jiraatuu isaa ibsuudhaaf suuraa Ablee eega ergeefii booda sararri Telefoona isaa kan cite tahuu ibsite.

 

Ibsa haadha warraa Mr Meng Hongwei kana hordofuun gaazexaan South China Morning Post jedhamu qondaaltota biyyattii wabeefachuun akka gabaasetti, hogganaan dhaabbata Poolisii Addunyaa too’annoo mootummaa Chaayinaa jala kan jiru tahuu ibsuun, seera cabsuun shakkamee kan qoratamaa jiru tahuu gabaase. Haa ta’u malee qondaaltonni Chaayinaa yakka Mr Meng ittiin shakkame hin ibsine.

 

Mr Meng Hongwei hogganaa dhaabbata Poolisii Addunyaa (Interpol) tahee filatamuu isaatiin dura, mootummaa Chaayinaa keessatti qondaala Ol’aanaa tika biyyattii ture.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button