header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaadarri Ameerikaa taayitaa gad lakkifte

UN’tti Ambaasaaddarri Ameerikaa  Nikii Heelii taayitaa isii hanga dhuma bara kanaattii  gad lakkisuun, bulchiinsa Traamp keessaa bahuuf kan murteessite tahuu beekame. Prezdaant Donaald Traamp har’a Waayit Haawusitti ripoortarootaaf ibsa kenneen, gaafii taayitaa gad lakkisuu Miss Heeliin dhiheessite kan fudhate tahuu ibse. Dabalataanis  Traamp torbaan lamaa hanga sadihitti nama Miss Heelii bakka bu’u kan muudu tahuu beeksise.

 

Ambaasaaddar Heeliin sababaan taayitaa isii gad lakkisuuf murteessite hin ibsamne. Haa ta’u malee dhimma Niwukilarii Kooriyaa Kaabaa dabalatee Poolisii haajaa alaa heddu irratti Traamp fi Nikii Heeliin walii galuu kan dadhabban tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button