header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Chaayinaan Kutaa Zinjiyang keessatti duula “Farra Halaalaa”jechuun moggaaste jalqabde

Mootummaan Chaayinaa yeroo adda addaa sababa finxaalessummaa ittisuu jedhuun Seerotaa fi qajeelfamoota muslimoota biyyattii cunqursan baasuun raawataa kan ture yoo tahu, ammas muslimoota Wiigar irratti xiyyeeffatuun duula “Farra Halaalaa”jechuun moggaase kan jalqabe tahuu Rooytars gabaase.

 

Qondaaltonni  Paartii Koministii Chaayinaa biyyattii bulchaa jiruu, duula kana raawwachiisuudhaaf Kaadiroota kumaatamaan lakkaahaman magaalaa guddoo kutaa Zinjiyang tan taate Urumqi keessatti leenjisuun, Isniina dabre kan eebbisiisan tahuun beekameera. Sirna eebbaa kana irratti kaadiroonni leenjifaman “duula farra halaalaa injifannoon xumuruudhaaf ni qabsoofna”jechuun dirqama kan fudhatan tahuu gabaasichi ni ibsa.

 

Kaadiroonni duula kana raawwachiisuuf leenjifaman  nyaataa fi dhugaatii jiraattota naannichaa too’achuuf mirgi kan kennameef yoo tahu, hojjattoonni mootummaa  Khamrii fi  nyaata halaala hin tahin  yoo kan didan tahe kan adabaman tahuu ibsame. Dabalataanis miseensonni Paartichaatii fi hojjattoonni mootummaa Diinii isaanii akka hin hordofne qajeelfamni bahee jira.

 

Chaayinaan muslimootni biyyattii Diinii akka hin hordofneef duula hamaa geggeessa jirtuun walqabatee, yeroo ammaa  muslimoonni  miiliyoona tokkoo fi walakkaa tahan manneen hidhaa keessatti kan ugguraman tahuu gabaasni dhiheenya UN irraa bahe ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button