header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Addi Bilisummaa Oromoo dhimma hidhannoo hiikkatuu fi dhiisuu irratti marii mootummaa waliin godhaa jiru hin xumurre jedhe

Dhiheenya kana mootummaa fi qondaaltonni ABO dhimma hidhannoo hiikkachuu Waraana Bilisummaa Oromoo irratti yaada faallaa walii kennaa kan jiran yoo tahu, Arba’aa darbe mootummaan Addi Bilisummaa Oromoo hidhannoo akka hiikkatu akeekkachiisee ture.

Dubbii himaan Addichaa Obbo Toleeraa Adabaa gaafii fi deebisaa BBC waliin godhe irratti, Addichi karaa nagayaatiin qabsoo itti fufuuf mootummaa waliin kan walii gale tahuu ibse. Haata’u malee dhimma waraanni hidhannoo hiikkachuu fi dhiisuu irratti mariin kan hin xumuramin tahuu hime. Obbo Toleeraan dabalataanis; “waan hidhannoo hiikkachiisuu jedhu irratti namoota walii galtee mootummaa fi ABO jidduu jiru quba hin qabnee fi warra yeroo walii galteen godhame bakka san hin turinitu akkuma itti fakkaate dubbataa jira”jechuun BBCf hime.

Obbo Toleeraan, Waraanni Adda Bilisumaa Oromoo ummataaf qabsaa’aa jira waan taheef, fuulduraafis akka waraana mootummaatti makamee dirqama isaa itti fufu barbaanna, warri loltuu tahee itti fufuu hin barbaadne ammoo akkuma dandeettii fi Ogummaa isaatti dhuunfaa fi dhaaba keessattis tahuu hojii adda addaa irratti bobba’anii akka jiraatan barbaadna jedhe. Dubbi himaan addichaa xumura irrattis, “loltoota WBO’tiif haalli jireenya isaanii osoo hin mijaa’in, akkasumatti hidhannoo hiikkadhaa galaa jedhamanii kan geggeefaman akka hin tahin beekamuu qaba”jechuun hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button