Waraanni Israa’el Jum’aa har’aa Gaazaa keessatti Falasxiinota jaha ajjeese
Waraanni Israa’el Jum’aa har’aa lammiilee Falasxiin daangaa Gaazaa irratti mormii geggeessaa turan irratti dhukaasuun, Falasxiinota jaha ajjeesuun 140 ammoo kan madeesse tahuu qondaaltonni Fayyaa Falasxiin beeksisan. Har’a Falasxiinonni 14,000 ol daangaa Gaazaa irratti mormii geggeessaa kan turan tahuun beekameera.
Ministeerri ittisa Israa’el ibsa baaseen loltoonni isaa namoota “daangaa qaxxaamuruuf yaalan”irratti tarkaanfii fudhatanii jiru jechuun hime. Dabalataanis ujummoo boba’aa gara Gaazaa seenu akka muramu ajajee jira. Israa’el dhiheenyaa kana dararaa Falasxiinota irratti gama hundaan raawwattu hammeessitee jirti.
Lammiileen Falasxiin uggurri Israa’el waggaa 12 oliif Gaazaa irra keette akka ka’uuf, torbaan torbaaniin mormii geggeessaa jiraachuun isaanii ni beekkama. Walumaa galatti mormiin kun March 30/2018 eega jalqabamee asitti, waraanni Israa’el yoo xiqqaate Falasxiinota 200 ajjeesuun 20,000 ol ammoo madeessee jira.
yaa rabbii umata falastiinootaa kana iraa nu asii saan