header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ministeeronni Haajaa Alaa Ityoophiyaa fi Eertiraa Somaaliyaa seenan

Ministeerri haajaa alaa Ityoophiyaa  Dr. Warqineh Gabayyoo fi gitni isaa ministeerri haajaa alaa Eertiraa Mr Usmaan Saalah Muhammad Arba’aa har’aa Maqdishoo seenan. Qondaaltonni lamaan ministeera  haajaa alaa Somaaliyaa Mr Ahmad Isse Muhammad waliin marii kan jalqaban tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Xiyyeeffannaan marii ministeerota marii biyyootni sadeen sadarkaa hoggantootaatti geggeessuuf karoorfatan dursanii haala mijeessuuf akka tahe beekameera. Hoggantoonni biyyoota sadeenii marii isaanii yoomitti akka karoorfatan wanti ibsame hin jiru. Hoggantoonni Ityoophiyaa, Eertiraa fi Somaaliyaa ji’a dabre dhimma nannichaa irratti waliin hojjachuudhaaf, Asmaraa keessatti walii galtee mallatteessuun isaanii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button