header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Raashiyaa Kutaa Kireeymiyaa keessatti haleellaa Kolleejjii tokko keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 18 ajjeefaman

Qondaaltonni Raashiyaa akka jedhanitti, barataan Kolleejjii teeknikaa tokko hiriyyoota isaa irratti boombii eega dhoosee booda,  gamoo kolleejjichaa keessatti dhokatee dhukaasa baneen yoo xiqqaate namoota 18 ajjeesuun 50 ol ammoo kan madeesse tahuu ibsan. Hidhataan kun booda irra lubbuu ofii kan balleesse akka tahee fi namoonni ajjefaman hedduun barattoota tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Prezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ibsa Mooskoo keessatti kenneen, ,”haleellaan kun gareewwan gurmaayaniin kan qindaaye shakkiin jedhu waan jiruuf, gad fageenyaan akka qoratamu ajaja dabarsee jira”jedhe.

 

Raashiyaan bara 2013 weerara raawwachuun Kutaa Kreeymiyaa  Yukreen irraa fottoqsite. Bara 2014 ammoo  rifarandamii geggeefameen ummanni  Kireeymiyaa Raashiyaan walitti makamuu filate.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button