header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa kaayyoon loltoota torbee darbe gara Masaraa mootummaa dhufanii jijjiirama biyyattii keessatti dhufe gufachiisuu ture jedhe

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad guyyaa har’aa mana maree bakka bu’oota Ummataatti argamuun, baniinsa Paarlaamaa irratti kallattii mootummaa Ityoophiyaa ilaalchisee haasaya torbee dabre Prezdaant Dr Mulaatuu Tashoome mana mare lamaaniif godhe irratti, gaafii miseensoota paarlaamaa irraa dhiyaateef deebisaa kennee jira.

Miseensonni mana mareetis Nageenya, Baqattummaa, olaantummaa seeraa kabajsiisuu fi haala itti fayyadama miidiyaa dabalatee dhimmoota adda addaa heddu irratti gaafii dhiheessanii jiru.

Mummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmed dhiheenya kana waraanni hidhate gara masaraa mootummaa dhaquu ilaachisee ibsa kenneen, kaayyoon loltoonni garas deemaniif jijjiirama biyya keessatti muldhataa jiru gufachiisuuf tahuu beeksise.

Dr Abiy yeroo sanitti ibsa miidiyaalee kenne irratti, “waraanni mootummaa sababni gara masaraa dhaqeef gaafii mindaan walqabate dhiheeffatuuf”jechuun ibsuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee ibsi gaafa duraa sun muddama biyyattii keessa ture qabbaneessuudhaaf tooftaa fayyadame tahuu hime.

Odeeyfannoo walqabateen, mannii mare bakka bu’oota ummataa walgahii guyyaa har’aa kanaan obbo Taaggasaa Caffoo Afa Yaa’ii mana mariichaa godhuun filate. Afa Yaa’iin duraanii aadde Mufariyaat Kaamil ministeera Nagayaa tahuun muudamuu isii hordofuun taayitaa afayaa’ii gad lakkisuun isii ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button