header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaan Waliigaltee Niwukilarii Raashiyaa waliin mallatteessite diiguuf akka tahe beeksifte

Prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp Sababni Ameerikaan waliigaltee oomisha Niwukilarii waggaa 30 dura Raashiyaa waliin mallatteessite keessaa bahuuf  murteessiteef,  Raashiyaan qajeelfama waliigaltichaa cabsuu isiitiin tahuu hime. Traamp ibsa kenneen “waliigaltee kana keessaa bahuuf murteessinee jirra, Niwukilarii fi Misaa’ela waliigaltee kanaan dhoorkamee ture Raashiyaan dhoksaan oomishaa waan jirtuuf nutis ni oomishna”jedhe.  Biyyoonni lamaan yeroo dheeraadhaaf  “situ qeejeelfama waliigaltichaa cabsaa jira”jechuun wal yakkaa turan.

 

Ameerikaa fi Raashiyaan bara 1987 Waligaltee Humna Niwukilarii Fageenya Jiddu galeessaa (The intermediate-Range Nuclear Force Treaty) jedhamu mallatteessanii turan. Waliigalteen sun Niwukilarii fi Misaa’ela fageenya Kilomeetra 500-1000 furguuggeffamu akka hin oomishne kan dhoorku ture. Waliigaltee kana Prezdaantii Ameerikaa yeroo sanii Ronald Reagan fi hogganaa Gamtaa Sooviyeet duraanii Mikaa’el Gorbaachoovitu Washington keessatti mallatteesse.

Waliigaltee Niwukilarii USA fi Raashiyaa2

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button