header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Biyyoonni Addunyaa heddu Ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii balaaleffataa jiran

Sa’uudiin Gazexeessaa Jamaal Khaashoqjii qonsilaa Istanbul  keessatti du’uu eega amantee booda, biyyoonni heddu ajjeechaa kana balaaleffataa jiran. Ministeerri haajaa alaa Kaanaadaa ibsa baaseen, Kaanaadaan ajjeechaa Jamaal Kaashoqjii cimsitee kan balaalefattu tahuu beeksise. Dabalataanis “ajjeechaa kana ilaalchisee ibsi mootummaan Sa’uudii kennaa jiru wal dhahaa fi kan hin amanamne waan taheef fudhatama hin qabu”jechuun ibse.

 

 

Awustraaliyaa fi Niwuziilaand haaluma wal fakkaatuun ajjeechaa kana  balaaleffatuun Sa’uudiin dhugaa jiru baasuu qabdi jedhan. Muummichi ministeera Awustraaliyaa Scott Morrison ibsa kenneen, Walgahii Investimantii torbee dhuftu Riyaad keessatti geggeefamu irratti Awustraaliyaan kan hin hirmaanne tahuu ibsuun, Sa’uudiin qorannoo haqa qabeessa tahe geggeessuudhaaf Turkiyaa waliin hojjachuu qabdi jedhe.

 

 

Ministeerri haajaa alaa Jarman gama isaatiin ibsa baaseen gocha Sa’uudii kanaaf addunyaan gamtaadhaan deebisaa cimaa kennuu qaba jedhe. Jarman biyyoota gamtaa Awurooppaa, Biyyoota dagaagan turban G7 jedhaman, UK fi Faransaay waliin tahuun, Sa’uudii irratti tarkaanfii cimaa tahe fudhachuudhaaf hojjataa jirti jedhe. Dabalataanis Jarman waliigaltee gurgurtaa meeshaa waraanaa Sa’uudii waliin mallatteessite kan haquu maltu tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

Prezdaant Traamp gama isaatiin guyyaa kaleessaa ibsi Sa’uudiin kennite kan fudhatamu, Sa’uudiin michuu Ameerikaa guddoo waan taateef hariiroo keenna laaffisuu hin barbaadnu  jedhe. Booda irra garuu Sa’uudiin qorannoo iftoomina qabu geggeessuun ibsa amansiisaa tahe kennuu qabdi jechuun dubbate.

 

 

Turkiyaan gama isiitiin ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii ilaalchisee dhugaa dhoksuudhaaf tattaaffiin godhamu kamiyyuu fudhatama hin qabu jette. Haaluma kanaan qorannoo geggeessaa jirtu akkuma xumurteen addunyaadhaaf kan ibsitu tahuu beeksiste. Prezdaant Erdogaan dhimmicha irratti Isniina dhufu ibsa kennuudhaaf kan karoorfate tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

 

Gama biraatiin ammoo Emreets, Bahreeyn, Masrii fi Yaman mootummaan Sa’uudii ibsa gahaa tahe kennee jira jechuun jajan.

Balaaleffannaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button