header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaOduu Ajaa'ibaa

Garaa namaa keessaa Mismaarri 120 baafame

Hospitaala Pheexiroos kan magaalaa Finfinnee keessatti waldhaansa baqaqsanii hodhuu dargaggeessa umrii 33 tokkoof godhameen mismaarri 120, binkii 1, lilmoo 2, Istiikiinii 2 fi caccaba qaruuraa 2tu garaacha keessaa baafame.

Dargaggeessi kun waggaa kudhaniif dhukkubsataa sammu kan ture yoo tahu, Waggaa 8tiif dawaa fudhataa eega turee booda waggaa lamaaf addaan kutuu maatiin isaa ibsan.

Yeroo dhiyoo as immoo garaan iita’uu hordofuun gara hospitaalaa geeffamee wal’ansi baqaqsanii hodhuu godhameef. Mismaarri 120 fi wantoonni qara qaban hedduun kan garaa isaa keessa baafame tahuu ogeeyyiin fayyaa ibsan.

Dargageessi kun yeroo ammaa haala gaarii irra jiraatus beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button