header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Awustiraaliyaan Qondaaltota Ol’aanoo Waraana Miyanmaar shan irra uggura keette

Mootummaan Awustiraaliyaa Kiibxata har’aa Jeneraalota Waraana Miyanmaar kanneen duguuggaa sanyii Muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame, adda durummaan qindeessan irratti uggura cimaa kaaye. Ministeerri haajaa alaa Awustiraaliyaa Marise Payne ibsa kenniteen, “Qondaaltonni Waraana Miyanmaar shanan uggurri irra kaahame, duula duguuggaa sanyii muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame qindeessuu isaanii ragaa gahaa qabna”jette.

 

Uggura qondaaltota kanneen irra kaayame jidduu, qabeenyi Awustiraaliyaa keessaa qaban akka hin sochoonee fi qondaaltonni kunniin gara Awustiraaliyaa akka hin seenne murteen jedhu keessatti argama. Dabalataanis Kaampaaniin Awustiraaliyaa namoota shanan waliin waliigaltee maallaqaa raawwatu doolara miiliyoona 1.2 kan adabamu yoo tahu, namni dhuunfa jara kana waliin waliigaltee raawwatu  ammoo hidhaa waggaa 10tiin kan adabamu tahuu ibsame.  Mootummaan Awustiraaliyaa waraana Miyanmaar leenjisuu fi gargaarsa maallaqaa fi meeshaalee waraanaa kennuudhaan kan beekamu yoo tahu, qondaaltota Miyanmaar irra uggura kana kaayuudhaaf yeroo dheeraa rincicaa ture.

 

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dhiibbaa mirga namoomaa Miyanmaar keessatti muslimoota Rohingiyaa irratti raawwatame eega qoratee booda, waraanni biyyattii yakka duguuggaa sanyii raawwachuu beeksise. Qondaaltota UN duula duguuggaa sanyii kana qindeessan jechuun maqaa dhahe jidduu, Jeneraalonni Awustiraaliyaan amma uggura irra keette shanan keessatti argamu. Haaluma wal fakkaatuun Ameerikaa fi gamtaan Awurooppaatis qondaaltota kanneen irra uggura kaayanii akka turan gabaasni arganne ni ibsa.

 

Muslimoonni Miyaanmaar kanneen ajjeechaa jumlaa, gudeeddaa fi hidhaa irraa hafanii gara Baangilaadiish baqatuun yeroo ammaa Kaampiilee adda addaa keessatti argaman 700,000 ol akka tahan ragaaleen UN ni mul’isu.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button