header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaant Erdogaan ajjeechaan Jamaal Khaashoqjii irratti raawwatame kan durfamee itti yaadame jedhe

Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan ajjeechaa Jamaal Khaashoqjii ilaalchisee paarlaamaa biyyattiitiif ibsa kan kenne yoo tahu, ajjeechaan sukkanneessaan October 2, 2018 qonsilaa Istanbul keessatti raawwatame durfamee kan itti yaadame tahuu raga cimaa qabna jedhe. Erdogaan akka jedhetti Jamaal guyyaa ajjeefame kana dura September 28/2018 ragaa gaa’ilaa barbaacha  gara qonsilaa biyya isaa kan deeme yoo tahu, qondaaltonni qonsilichaa October 2/2018 akka deebi’u beellama eega kennaniifi booda, gara Sa’uudii imalanii dhimma isaa irratti qondaaltota ol’aanoo biyyattii waliin kan mari’atan tahuu beeksise.

 

Prezdaant Erdogaan mootummaan Sa’uudii yakka sukkanneessaa kana ilaalchisee gaaffiilee heddu haguugee irra dabruu barbaada, kun immoo gonkumaa fudhatama hin qabu jedhe. Gaaffiilee kanneen jidduu reeffi Jamaal Khaashoqjii eessa akka jiru, akkasumas qondaalli Sa’uudi ajjeechaa kana ajaje eennu akka tahe Sa’uudiin deebisaa kennuu qabdi jedhe. Dabalataanis namoonni yakka kana Turkiyaa keessatti raawwatan seera Turkiyaatiin akka adabamaniif mootummaan Sa’uudii  dabarsee Turkiyaaf akka kennu  gaafate.

 

 

 

 

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button