header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhalattoonni Oromoo magaalaa Kaamaashii Keessa jiraatan rakkoo hamaa keessa jiraatuu ibsan

Walitti bu’iinsa naannoo Benshaangul Gumuz godina Kaamaashii keessaatti uumamee ture hordofuun, dhalattoonni Oromoo heddu ajjeefamuu fi hedduun immoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamuun godina Wallaggaa bahaa magaalota adda addaa keessaatti qubsiifamanii jiru.
Walitti bu’iinsa kanaan lammiilee Oromoo manneen isaanii irraa gubame hedduun ammoo achuma naannoo Benshaangul Gumuz keessatti gara magaalaa Kaamaashii baqatanii kan turan yoo tahu, yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa akka jiranii fi soda guddaa kan qaban tahuu namni naannawa irraa bilbilaan dubbisne nuuf hime.

Akka namni kun jedheetti;
“Guyyaa Isniinaa dhalattoonni naannichaa hiriira bahanii mootummaan meeshaa waraanaa nuuf kennuu qaba jechuun gaafataa turan, akkasumas haalli godinicha keessa jiru tasgabbii hin qabu, daandii fi dukkaanonnis cufamanii jiru”jedhe.

Dhalattoonni Oromoo 3500 ol tahan achuma magaalaa Kaamaashii galma Bulchiinsa magaalaa Keessatti walitti qabamanii akka argaman, akkasumas rakkoo bishaanii fi dawaa kan qaban tahuus namni kun nutti hime.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button