header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Manni Murtii Mirga Namoomaa Awrooppaa Nabi Muhammad Arrabsuun mirga yaada ofii ibsatuu miti jedhe

Manni Murtii namoomaa Awurooppaa mirga yaada ofii ibsatuu dawoo godhatuun, Nabi Muhammad Nabi Muhammad Arrabsuun seeraan ala jechuun murteesse. Kanaan dura dubartii lammii Oostiriyaa Nabi Muhammad Arrabsite irratti manni murtii Viyeenaa tokko adabbii murteessee ture. Haa ta’u malee dubartiin tun mirgi yaada koo walabaan ibsatuu sarbamee jira jechuun, gara Mana Murtii Mirga Namoomaa Awrooppaa ol iyyatte.Haaluma kanaan Manni murtichaa dhimmichaa qoratuun ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, Nabi Muhammad Arrabsuun jibbiinsa kan babal’isuu fi nageenya hawaasaa kan booressu waan taheef, murtiin jalqaba kenname sirriidha jechuun raggaasise.
 
Manni murtichaa dubartii miseensa paartii jibbiinsaaa Islaamummaa leellisuu “Far Right Freedom party”jedhamuu taate tana irratti, adabbii doolara 548 murteessee ture. Dhuma irrattis Manni Murtiichaa dhimma akkanaa irratti manneen murtii biyyoota miseensa gamtichaa keessa jiran hundi xiyyeeffannan akka qoratan akeekkachiise.

 

 

3 Comments

  1. 🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋🕋

  2. Salallaahu alleeyhi wassaalaam Salallaahu alleeyhi wassaalaam Salallaahu alleeyhi wassaalaam Salallaahu alleeyhi wassaalaam Salallaahu alleeyhi wassaalaam ❤NAMNI ISAAN JIBUU HAA JIBAMUU BAKKA GAHEE HUNDATUU!lubbuun tiyaa fidaa kessan haa batuu yaa rasulallaah😅

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button