header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Ameerikaa magaalaa Pittsburg keessatti haleellaa raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 4 ajjeefaman

Haleellaan kun Sabtii har’aa mana sagada Yahuudotaa  Kutaa Pennsylvania magaalaa Pittsburg keessatti argamu irratti kan raawwatame yoo tahu, hanga ammatti namoonni 4 kan ajjeefaman tahuu beekameera.  Poolisoota 3 dabalatee namoonni heddu ammoo kan madaayan tahuu miidiyaaleen Ameerikaa gabaasaa jiran.

 

 

Namtichi Adiin haleellaa kana raawwatuun shakkame yeroo ammaa too’annaa jala kan oole tahuun beekameera.

 

 

Ameerikaan yeroo torbaan lama hin geenne keessatti filannoo marsaa walakeessaa  (mid-term election) geggeessuudhaaf wayita qophaayaa jirtu kanatti, biyyattiin muddama hamaa keessa seenaa jirti.  Keessumaayyuu namtichi deeggara paartii Ripaalikaan tokko Poostaan Boombii deeggartota fi qondaaltota ol’aanoo paartii dimokraatotaa, akkasumas dhaabbata miidiyaa CNN’tti eega ergeen booda qoodamiinsi siyaasa biyyattii gara hofkaraatti akka hin geeddaramne sodaatamaa jira. Namtichii poostaadhaan boombii 12 ol namoota beekkamotti erge kun kaleessa too’annaa jala oole.

Haleellaa Pittsburg

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button