header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mataduree sirna Faayinaansii dhala irraa walaba tahe hundeessuu jedhuun mariin geggeeffame

Korri kun October 27/2018 magaalaa Finfinnee galma Komishinii Diinagdee Afrikaatti geggeeffame. Dhaabbilee Faayinaansii dhala irraa walaba tahan biyyattii keessaatti haala kamiin hundeessuun danda’ama, mata duree jedhu irratti barruuleen qorannoo hayyootaan dhihaatee mariin baldhaanis geggeeffame jira.

Waltajjicha irratti bu’aan sirni faayinaansii dhalaan alaa (interest free finance system) biyyaaf qabu baay’ee guddaa fi kan haalaan barbaachisu ta’uu ibsame. Sirna kun biyyoota Afrikaa heddu keessatti kan babal’ataa akka dhufe, keessumattuu biyyoonni kaabaa Afrikaatti argaman heddu bal’inaan hujii irra kan oolchan tahuun beekameera. Dabalataanis Naayjeeriyaa fi Keeniyaan biyyoota sirna Faayinaansii dhalaa irraa walaba tahe kana irraa bal’inaan fayyadamaa jiranii fi Ityoophiyaafis biyyoota fakkeenya gaarii tahuu akka danda’an ibsame.

Baankii Islaamaa dhala irraa walaba tahe hundeessuufis sochiin kan jalqabamu akka tahee fi dhaabbilee kora kana irratti hirmaatan jidduu bu’uuressitoonni Baankii Zamzam kan Ibsan tahuun beekameera.

Financial Summit 1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button