header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aadde Ma’aazaa Ashannaafii Prezdaantii mana murtii walii galaa tahuun muudamte

Paarlaamaan Ityoophiyaa walgahii guyyaa har’aa geggeesseen kaadhimamtoota  muummichi ministeeraa  Mana Murtii walii galaa akka hoggananiif dhiheesse raggaasisee jira. Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad Aaddee Ma’aazaa Ashannaafii  prezdaantii mana murtii waliigalaa, akkasumas obbo Salamoon Aradddaa Itti aanaa prezdaantii mana murtii walii gala tahuun akka muudaman kan dhiheesse yoo tahu, Paarlaamaan biyyaatti muudama Kaadhimamtoota lamaanii raggaasiisee jira.

 

 

Aadde Ma’aazaa Ashannaafii dhalattuu naannoo Benshaangul Gumuz yoo taatu, wixineen heera biyyattii  qopheessuu keessatti nama hirmaatee fi mirga Ijoollee fi Dubartootaatiif falmuun kan beekamtu tahuu muummichi ministeera mana mariitiif ibse.

 

Aadde Ma’aazaan dabalataanis bu’uuressituu Waldaa Dubartoota Ogeeyyii Seeraa Ityoophiyaa , akkasumas bu’uuressituu fi walitti qabduu boordii bankii Dubartoota Ityoophiyaa  “Innaat Baank”jedhamuu akka taate ibsamee jira.

Ma'aazaa Ashannaafii 2

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button