header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Liigiin Biyyoota Arabaa Braaziil Imbaasii gara Al-Qudsitti akka hin jijjiirre gaafate

Prezdaantiin Braaziil haaraya filatame Jair Bolsonaro Khamiisa kaleessaa ibsa kenneen, January 1/2019 tti hujii eega jalqabee booda Imbaasii Braaziil Telaviiv irraa gara Al-Quds/Jerusalemitti kan jijjiiru tahuu beeksise. Israa’el fi Ameerikaan murtii kana gammachuudhaan kan simatan yoo tahu, bulchiinsi Falasxiin fi gareen Hamaas ammoo cimsanii balaaleffatan.

 

Haaluma wal fakkaatuun  Liigiin Biyyoota Arabaa ibsa Jum’aa har’aa baaseen, Prezdaantiin Braaziil haaraya filatame Imbaasii biyyattii Israa’el keessa jiru Telaaviiv irraa gara Al-Qudsitti jijjiiruuf karoora baase akka haqu gaafate.  Barreessaan Liigii Biyyoota Arabaa Ahmad Abul-Gheit  akka jedhetti, “Karoorri Bolsonaro biyyoota Arabaa kan mufachiisee fi hariiroo cimaa Braaziil biyyoota Arabaa waliin qabdu kan miidhu waan taheef yaada isaa kana jijjiiruu qaba”jedhe.

 

 

Abul-Gheit itti dabaluudhaanis, mootummaan Braaziil Imbaasii isaa gara magaalaa humnaan qabamteetti jijjiiruun seera addunyaa fi labsii mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii ni cabsa jennee hin yaadnu jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button