header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sheikh Jamaal Baddeeysaa (Abuu Saalih) biyya baqaa irraa gara biyyaatti deebi’uuf kan qophaayaa jiran tahuun beekame

Godina Harargee Lixaa magaalaa Baddeeysaa keessatti Imaamaa fi Khaxiiba kan turan Sheik Jamaal Baddeessaa, waggaa 7 dura roorroo mootummaa jalaa dheessuun biyya Ormaa keessa turan. Sheik Jamaal jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti muldhate hordofuun gara biyyaatti deebi’uuf qophii irra kan jiran tahuun beekameera.
Sheik Jamaal Baddeeysaa turtii isaanii kan waggaa 7 kanatti Biyya Sa’uudii Maktaba Da’iwaa Rabwaa keessatti kitaabota adda addaa afaan keenyatti deebisuun, akkasumas vidiyoo fi Sagaleen qopheessuun karaa miidiyaalee hawaasaatiin ummata biraan gahaa turan. Dabalataanis yeroo Hajjii hujjaajota biyya keenyaa keessumeessuun tajaajilaa turan.

Yoo fedhii Rabbii tahe Sheikh Jamaal November 9/2018 gara biyyaatti deebi’uuf qophaayaa jiran.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button