header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iraaq keessatti awwaalli jumlaa 200 ol argamuu gabaafame

Dhaabbatni mootummoota gamtoomanii akka jedhutti, awwaalli kunniin Kaabaa fi Lixaa Iraaq naannolee too’annaa garee daa’ish jala turan kanneen akka Ninevee, Kirkuuk, Salahuddiin fi Anbaar jedhaman keessatti argaman.

 

Awwaala jamlaa kana keessatti reeffa dubartootaa, daa’imman, Jaarrolii fi miseensota waraana mootummaa Iraaq dabalatee, walumaa galatti namoonni 12,000 ol kan awwaalaman tahuu gabaasni UN irraa bahe ni ibsa.

 

Iraaqitti bakka bu’aan addaa barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jaan Kubis, “Iddoowwan awwaala jumlaa kanneen keessatti ragaaleen eenyummaa namoota ajjeefamanii ibsu kan argame yoo tahu, ragaaleen kunniin maatii firoota isaanii achi buutee dhabaniif gadda isaanii ibsatanii akka sabbaraniif carraa kenna”jedhe.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button